Channel Avatar

KAMILA TUBE @UCsAQiwh5SDryYu_JUutG63w@youtube.com

74K subscribers - no pronouns :c

779292758


Welcoem to posts!!

in the future - u will be able to do some more stuff here,,,!! like pat catgirl- i mean um yeah... for now u can only see others's posts :c

KAMILA TUBE
Posted 4 weeks ago

baga nagayan dhufte Amshir hundduu hin darba

3 - 0

KAMILA TUBE
Posted 1 month ago

Madda eenyummaa koo
Burqaa isa jalqabaa
Oolmaa kee dubbachuuf
Dhugaa, jechan dhaba!

Maandisa jiruukoo
Injineera guddaa
Maal jedheetan ibsa
Atoo naaf waan hundaa

Dhalchitee naaf laatte
Eenyummaa kee qooddee
Haqnikee jabaadha
Kan harmeetiin booddee

Oromummaa koon boonuu
Of ta'uu na barsiifte
Karaa gaarii fi yaraa
Addaan natti agarsiifte

Safuuf duudhaan guddiftee
Gorsa naaf goote galaa
Eebbaaf gargaarsa keenin
Miila kaayyoon imala!

Hagan nagaan galutti
Deemee bakka fageenyaa
Of caala naaf yaaddofta
Naaf kadhatta nageenya

Naan nama gochuu feeta
Ofiif namummaa baatee
Dubbatamee hin dhumu
Wanti ati naaf taate!

Na keessatti argamta
Onneekoo osoo bananii
Sin jaaladha Abbaa koo
Siifan hawwa qananii

Naaf jiraadhu baabaakoo
Abbaan ofii gaaddisaa
Milkaa'ee si sooruufan
Anis kunoo daaddisa

Dungooti naaf qabsiiste
Qilleensaanuu hin dhaaamuu
Burqaa kootu si'idha
Maqaa keetiin na waamu

Gaddaaf gadadoon jiruu
Rakkoon sihaa seeratuu
Naaf jiraadhu Abbaa koo
Umrin Sihaa turu Wagga 1k

10 - 2